Itiyoophiyaa hunda keenyaa ni bu’uuressina-Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Sadaasa 29, 2017 (FMC)-Miiraa fi fiinxaalessummaarraa of qoqqobuun tokkummaa cimsuun Itiyoophiyaa kan hunda keenyaa taatee ni bu’uuressina jechuun Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa fi Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookirsii Obbo Adam Faaraah ibsan.
Obbo Adam Faaraah Guyyaa Sabaa fi Sabalammootaa 19ffaa ilaalchisuun eergaa baga geessanii fi hawwii gaarii dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin Itiyoophiyaanonni walitti dhufuun aadaa, afaanii fi seenaa isaanii walirraa barachuu akkaataa danda’anitti, hariiroo isaanii fi tokkummaa sabdanessummaa isaanii cimsuun, badhaadhinni hunda galeessi Itiyoophiyaa akka dhugoomuuf waadaa isaanii kan itti haaressan guyyaa sabaa fi sablammootaan baga geessan jedhaniiru.
Guyyaan sabaa fi sablammootaa baranaa magaalaa jaalaa fi miidhagduu Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Magaalaa Arbaa Mincitti haala miidhagina qabuun kabajamuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyyaa yaada, ilaalcha, eenyummaa hedduu qabdu ta’uu amanuu fi keessummeessuun egeree miidhagaa akka qabaannu taasisa jedhaniiru.
Kanaaf miiraa fi fiinxaalessummaarraa of qoqqobuun garaagarummaa keenya kabajan tokkummaa keenya cimsuun hunduu Itiyoophiyaa hundaaf mijattuu ni bu’uuressina jedhan.
Karoorra badhaadhinaa waloof qophaa’e waadaa waloo keenyaan cimsaa, tokkummaa fi walqixxummaa bu’uuraa cimaarratti ijaaruun nuti ijoollen Itiyoophiyaa imala badhaadhinaa saffisiisuu itti fufna jedhaniiru.
Itiyoophiyummaan haa lalisu; Itiyoophiyaan haa badhaatu kan jedhan Obbo Adam, waliigalteen biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessaaf dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia