Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Yuuniidoon waliigaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 3.5 mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Misooma Indaastirii waliigaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 3.5 mallatteessaniiru.

Deeggarichi Piroojektii misooma Oomishaalee, Tajaajilaa fi deeggarsa dargaggootaa fi dubartootaaf oola jedhame.

Hojiirra Oolmaa Piroojektichaaf deeggarsa maallaqaa Mootummaan Xaaliyaanii gama Dhaabbatichaan ramadu ta’uu ragaan Ministeera Mallaqaarraaa argame ni mul’isa.

Proojektii waggoota lamaaf turu gama Ministeera Hojii fi Ogummaan hojiirra oolu ta’uu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samariitaa Sawaasaw fi dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka buutuun Dhaabbata Misooma Indaastirii fi daayrektarri naannawaa Ooreeliiyaa Paartiriizyiyaa Kaalaabroon waliigalticha mallatteessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.