Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Yemen hariiroo walta’iinsa isaanii sadarkaa caalutti ceesisuuf waliigalan

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) –Itiyoophiyaa fi Yemen hariiroo walta’iinsaa seena qabeessa qaban gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf waliigalaniiru.

Kuwaataar, Iraan fi Yemenitti Ergamaan Addaa fi Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Fayisal Dura Taa’aa Mana Maree Pireezidaantummaa Yemen Dooktar Rashiid Muhaammad Al-Aliim waliin mmari’ataniiru.

Marii isaaniinis Itiyoophiyaa fi Yemen hariiroo gamlamee seena qabeessaa waggoota dheeraa akka kaasaniiru.

Walta’iinsa waggoota dheeraa biyyoota lameenii gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi dameelee biroon qaban gara sadarkaa caaluutti ceesisuu fi waliin hojjechuuf waliigalteerra gahuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Fayisal xalayaa muudama isaanii Dura Taa’aa Mana Maree Pirezidaantummaa Yemeniif dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.