Itiyoophiyaa fi Ugaandaan Godaantota waliin dhokatanii kanneen yakka raawwatan waloon ittisuuf waliigalan
Finfinnee, Mudde 5, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Ugaandaan Godaantota waliin dhokatanii kanneen yakka raawwatan waloon ittisuuf waliigalteerraa ga’uun ibsame.
Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Jila Itaamaajoor Shuumii Ugaandaa Jeneraal Muheez Kaaniiruugbaan durfamu waliin mari’ataniiru.
Maricharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Ugaandaa fi Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee baroota dheeraa lakkoofsise kan qaban ta’uu himanii, mariin har’aas hariiroo duraanii kan cimsu ta’uu dubbataniiru.
Keessumaa biyyoota lameenitti maqaa godaantotaan dhokatanii kanneen yakka raawwatan ittisuuf waloon akka hojjetan himaniiru.
Odeeffannoo nageenyaa waljijjiiruu, leenjii hunda galeessaa taasisuu fi nageenya naannawaaf waloon hojjechuurratti mari’achuu ibsaniiru.
Jeneraal Muheezi Kaaniiruugbaa gama isaaniin Ugaandaan damee nageenyaa fi tasgabbiin Itiyoophiyaa waliin hariiroo cimaa qabaachuu ibsaniiru.
Fuuldurattis biyyoota lameen gidduu walta’iinsa hundagaleessa jiru cimsuuf kutannoon akka hojjetan dubbataniiru.
Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia