Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Ugaandaan dhimmoota nageenya naannawaarratti tumsaan hojjechuu kan itti fufan ta’uu ibsan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Ugaandaan dhimmoota nageenya naannawaarratti tumsaan hojjechuu cimsanii kan itti fufan ta’uu beeksiisaniiru.

Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa fi Dhaabbileen Nageenya Alaa Ugaandaa hojiilee dhimmoota nageenya naannawaarratti tumsaan hojjechaa jiran har’a magaalaa Finfinneetti gamaaggamaniiru.

Biyyoonni lamaan dhimmoota shororkeessummaa, Yakkoota daangaa ce’aa, hidhattoota seeraan alaa, daddabarsa namoota seeraan alaa fi dhimmoota nageenyaa biroo naannawichaa tumsaan ittisuuf waliigaluun kan yaadatamuudha.

Bu’aa waliigalticha hojiirra oolchuun argame haala caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.

Itti Aanaan Daayrektara Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Taazeer Gabra’igzihaabeerii fi Daayrektarri Jeneraalaa Dhaabbilee Nageenya Alaa Ugaandaa Jooseef Ookkeelloon marii waloo kana dursaniirsuu himameera.

Naannawichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf Ugaandaan Itiyoophiyaan waliin tumsaan hojjechuurratti michuu seenaa ta’uu ibsameera.

Dhaabbileen lamaan hojiilee kanneen cimsanii itti fufuuf murannoo qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.