Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daandii biyyoota lamaan walquunnamsiisuu Kiiloo meetira 220 ijaaruufi

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daandii biyyoota lamaan walqunnamsiisuu Kiiloo meetira 220 ijaaruuf ta’uu ibsameera.

Waliigaltee Faayinaansii Doolaara miiliyoona 738 Bara Faranjootaa Caamsaa 2023 biyyoota lamaan gidduutti mallattaa’e hordofee daandiin biyyoota lamaan walquunnamsiisu kiiloo meetirri 220 ijaaramuuf ta’uu ibsameera.

Manni Maree Seera Baasaa Ce’umsa Biyyaalessaa Sudaan Kibbaa waliigaltee faayinaansii daandii daangaa ce’aa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa ijaaruuf mallattaa’e raggaasiseera.

Piroojketichi tumsa waloo fi fayyadamummaa waloo akkasumas hariiroo diinagdee biyyoota lamaanii caalmaatti guddisuuf kan kaayyeeffate ta’uun eerameera.

Manni marichaa waliigalticha sagaalee guutuun erga raggaasisee booda Pireezidaantii Sudaan Kibbaarraa eeyyama xumuraa akka argatu dhiyaateera jedhame.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.