Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaandi hariiroo isaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 9, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaandi hariiroo dippiloomaasii qaban walta’iinsaan caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen, Ministeera Dhimma Alaa Siwiizaarlaandi Ignaaziyoo Kaakis waliin hariiroo biyyoota lameenii fi dhimmoota Idil Addunyarratti mari’ataniiru.
Ministiroonni lameen marii isaanii booda ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa fi Siwiizaarlaandi hariiroo dippiloomaasii walta’iinsaan cimsuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Ambaasaaddar Taayyeen, dhaabbiilee Siwiizaarlaandii hedduu Itiyoophiyaatti damee Invastimantirratti bobba’u eeruun, tumsa kana caalmaatti cimsuuf waligalteerra gahamuu ibsaniiru.
Akkasumas hojirra oolmaa fi raawwii waliigaltee Piritooriyaa, Cee’umsa Seeraa, fi Koomishinii Marii Biyyaleessarrattis marii taasisuun isaanii eerameera.
Ministirri Dhimma Alaa Siwiizarlaandii gamasaaniin, hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii cimsanii itti fufsiisuuf waliigaluu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.