Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan tumsaan hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan dhimmoota shanirratti tumsaan hojjechuuf waligalaniiru.

Walga’iin waloo 3ffaan Komishiinii Ministiroota Itiyoophiyaa fi Ruwaandaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumuramuu hordofee biyyoonni lamaan dhimmoota waloo shanirratti tumsaan hojjechuuf waligaluu ibsaniiru.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee fi Ministirri Alaa Ruwaandaa Viinsit Birutaan mallatteessaniiru.

Biyyoonni lamaan damee Daldalaa, balaa hir’isuufi bulchuu, Ispoortii, Siyaasaa fi Invastimantiirratti tumsaan hojjechuuf walii galuu TOI gabaaseera.

Hariiroo isaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.