Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan milkaa’ina misooma qonnaaf cichoominaan hojjechaa jiru-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan milkaa’ina misooma qonnaaf cichoominaan hojjechaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti simannaa Pireezidaantii Ruwaandaa Pawul Kagaameen taasisaniif galateeffataniiru.

Guddina biyyattiitti galmaa’e arguutti gammachuu isaanii kan ibsan Dookytar Abiy guddinicha itti fufsiisuufis tattaaffii taasifamu dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan milkaa’ina misooma qonnaaf cichoominaan hojjechaa jiraachuu kaasanii, naannawichatti dhiibbaa gaarii kana babal’isuuf waloon hojjechuuf qophii tauu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.