Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Raashiyaan tumsi Saayinsii fi Teeknooloojiin qaban cimee itti fufu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Raashiyaan tumsa damee saayinsii fi teeknooloojiin qaban cimsaanii itti fufu akka qaban Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii ibse.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Iviiginii Tarkiin waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, waliigalteewwan Itiyoo-Raashiyaan damee saayinsii fi teeknooloojiin mallatteeffaman gara hojiittii jijjiruuf akkasumas dhimmoota hojjetamuu qaban irratti mari’ataniiru.

Hojiirra oolmaa waliigaltichaaf biyyoonni lameen qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Biyyoonnii lameen hariiroo dinaagdee cimsuun fooramii Mana Maree Daldalaa hirmaachisu qopheessuuf gamanumaan qophiin taasifamuu akka qabu eerameera.

Itiyoophiyaa fi Raashiyaan tumsi gama, saayinsiin, teekinikaan, dinaagdee fi daldalaan jiru cimee itti fufuu akka qabus marichaan ka’eera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.