Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo isaanii daran cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo isaanii sadarkaa caalutti ceesisuuf waliigalan.

Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqesillaaseen Itti Aanaa Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Mikaa’el Bogdaanvoo waliin mari’ataniiru.

Marichaan hariiroo waloo qaban dameewwan garagaraan daran cimsuuf haalota dandeesisan irratti mari’ataniiru jedhameera.

Hammattoo BRICS keessatti walta’iinsa dinagdee isaanii guddisuun haala danda’amurrattis mari’ataniiru.

Biyyoonni lameen tumsa teeknooloojii qaban daran cimsuu damicharratti hojii ijaarsa dandeetti waliin hojjechuu akka qaban akeekameera.

Kana malees, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii biyyaalessaa fi naannawwa irratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.