Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Noorwey waliigaltee Doolaara miiliyoona 75 mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Noorwey waliigaltee Doolaara miiliyoona 75 mallatteessaniiru.

Waliigalteen kunis hariroo gamlamee biyyoota lameeniif boqonnaa olaanaa akka ta’e ibsameera.

Waliigaltichi eegumsa naannawan walqabatee tarsiimoon diinagdee magariisaa hinraafamne akka jiraatu, sababa ciramuu bosonaan hamma gadi lakkifama kaarbanii hir’isuu fi tarsiimoowwan eegumsa naannawaa walfakkaatan biroo ilaalchisuun ta’uun ibsameera.

Walta’iinsichis muuxanoo, teeknooloojii fi faayinaansii Noorwey fayyadamuun, ajandaa misoomaa bosonaa Itiyoophiyaa fuulduratti tarkaanfachiisuuf gumaacha akka qabu ibsameera.

Sirna waliigaltichaarratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen akka ibsanitti, mootummaa fi ummanni Noorwey misooma Itiyoophiyaaf tumsi taasisaa jiran olaanaadha.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen gama isaaniin, Itiyoophiyaan tarsiimoo misooma magariisaa hinraafamne erga ifoomsitee deeggarsi mootummaa Noorwey itti fufuu ibsuu ragaan Misoomaa Bosonaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ministirri Eegumsa Naannawaa fi Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Noorwey Andiriyaas Eriksan gama isaaniin, Itiyoophiyaan kutannoon misooma magariisaaf qabdu fakkeenyummaan kan eeramu ta’uu fi biyyi isaaniis tumsa taasisuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.