Itiyoophiyaa fi Neezarlaandi tumsa damee Daldalaa fi Invastimantii caalmaatti cimsuuf ta’uu himan
Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Ministira Alaa Neezarlaandi Hankee Birnas waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsanirratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Taayyeen tumsa mootummaan Neezarlaandi damee misoomaa, Invastimantii fi deeggarsa namoomaan Itiyoophiyaaf taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.
Damee Diinagdee biroonis tumsa qaban caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Neezarlaandi hariiroo waloo cimaa fi bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Hankeen himaniiru.
#Oromia #Ethiopia