Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Neezarlaandi misooma beeyladaa fi hortiikaalchariirratti waloo hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Neezarlaandi kuduraa fi muduraa akkasumas misooma beeyladaarratti waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalteen mallatteeffames boqonnaa 3ffaan Pirojektii “Horty-Life” misoomaa hortiikaalcharii irratti akkasumas boqonnaa 2ffaan Pirojektii “Bridge Plus” jedhamuun misooma aannaniirratti waloon hojjechuuf kan tumsuudha jedhameera.

Ministir Deetaan Damee Misooma Qonnaa fi Hortiikaalcharii Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Mokonniin, boqonnaawwan pirojektootaa darbaniin damee misooma kuduraa fi muduraa maallaqaan deeggaruun raawwiin bu’aa qabeessi galmaa’uu himaniiru.

Kanaanis dhaabbata misoomaa Neezarlaandiin galateeffachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ministir Deetaan Damee Misoomaa Qabeenyaa Beeyladaa fi Qurxummii Dooktar Raggaasaa Fiqiruun gama isaaniin oomishaa fi omishtummaa beeyladootaa guddisuuf moootummaan sagantaa “Maaddii Guutuu” bocuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Pirojektiin “Bridge Plus” karoora mootummaa milkeessuuf gumaachi qabaatu olaanaa akka ta’e himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.