Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Neezarlaandi deeggarsa Yuuroo miiliyoona 10.6 waliif mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 20, 2016 (FBC) – Mootummaan Itiyoophiyaa fi Neezarlaandi waliiggaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 10.6 mallatteessaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samariitaa Sawaasaw fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddar Neezarlaandi Heenk Yaan Bakar waliigalticha mallatteessaniiru.

Maallaqichi ijaarsa Mankuusaa Tursa Kuduraa fi Muduraa Buufata Gogaa Mojoof kan oolu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Ijaarsi mankuusichaa waggaa lama keessatti kan xumuramuu ta’uu Aadde Samariitaan eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.