Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Kuubaan tumsa waloo caalmaatti fooyyessuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Kuubaan tumsa waloo biyyoota lamaanii caalmaatti fooyyessuuf waliigalteerra ga’uu Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makoonniin ibsan.

Yaa’iin garee 77 fi Chaayinaa Fulbaana 4 – 5/2016 Kuubaa Havaanaatti taa’ameera.

Jilli Itiyoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonniin durfamu yaa’ii kanarratti hirmaateera.

Obbo Dammaqaan yaa’ichaan cinaatti Pireezidaantii Kuubaa Miiguweel Beermuudeez fi hoggantoota olaanoo biyyattii biroo waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan biyyoonni lamaan tumsa dhiigaa fi aarsaan walitti hidhame qabaachuu ibsaniiru.

Barnoota dabalatee biyyoonni lamaan damee adda addaatiin tumsa cimaa qabaachuu himaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti fooyyessuuf waliigalteerra gahamuu eeraniiru.

Itiyoophiyaa fi Kuubaan damee adda addaatiin muuxannoo waljijjiiruuf fedhiin jiraachuu kaasaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii seenaa waliin qaban madaalu taasiisuuf kan hojjetan tauu Obbo Dammaqaan dubbataniiru.

Tumsa waltajjiiwwan dippilomaasii idil addunyaan qaban gabbisuuf waliigalaniiru jedhame.

Itiyoophiyaa fi Kuubaan bara Faranjootaa 1975 ture hariiroo dippilomaasii kan jalqaban.

Obbo Dammaqaan yaa’ichaan cinaatti Ministira Dhimma Alaa Jaamaayikaa Joonsan Ismiizii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektara Sagantaa Eeggumsa naannoo Ingar Andarsan waliin mari’ataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.