Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa yakkoota Shororkeessummaa daangaa ce’aarratti waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gita isaa Kooriyaa Kibbaa waliin yakkoota Shororkeessummaa daangaa ce’aarratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu ibsameera.
Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Kooriyaa Kibbatti daawwannaa hojii taasiisaa jiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gita isaanii Kooriyaa Kibbaa Teeyoongi Choo waliin Magaalaa Se’oolitti dhimmoota waloo, naannawaa fi idil addunyaarratti mari’achuu tajaajilichi ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.
Yakka Shororkeessummaa sadarkaa idil addunyaatti sodaa ta’aa jiru yakkoota daangaa ce’aa waloon ittisuuf dhimmoota dandeessisanirratti sanada waliigaltee mallatteessuu ibsameera.
Waliigaltee mallattaa’e hojiirra oolchuuf murannoon kan hojjetan ta’uu ibsa isaaniin kaasaniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Golahambaa Yaadannoo Duultoota Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti ijaarame daawwachuus eerameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.