Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Kirooshiyaan tumsummaa dippilomaasii qaban sadarkaa caaluutti ceesisuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Kirooshiyaan tumsummaa dippiloomaasii qaban koomiishiniin ministirootaa hundeessuun gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf waliigalan.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Alaa Kirooshiyaan Goordan Giriiliik waliin Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cinaatti marii taasisaniiru.

Marichaanis, Kirooshiyaan Itiyoophiyaatti Embaasii banuuf tattaaffiin taasiftu kan dinqisiifamu ta’uun ibsameera.

Tumsummaa dippilomaasii biyyoota lameenii koomiishinii ministirootaa hundeessuun gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf waliigalteerra ga’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tattaaffii Itiyoophiyaan gama ijaarsa nageenyaa taasisaa jirtus Obbo Dammaqaan ibsa kennaniiru.

Hariiroo gamlamaanii Kirooshiyaa waliin qabdus caalmaan cimsuuf kutannoo qabaachuu hubachiisan.

Akkasumas Kirooshiyaa waliin hojjechuu fi deeggarsa taasisuuf mudannoo qabaachuu Ministirri Dhimma Alaa Kirooshiyaan Goordan Giriiliik mirkaneessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.