Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Keeniyaan hariiroo seenaa qabeessaa fi tumsa diinagdee biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 20, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojii Keeniyaatti taasiisanirratti Pireezidaantii biyyattii Wiiliyaam Ruutoon simannaa hoo’aa taasiisuufi ibsameera.

Simanna kanarratti Dooktar Abiyii fi jilli isaaniin durfamu dhimmoota waloo, naannawaa fi gamdaneessarratti marii hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsan taasiisuun eerameera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon marii bal’aa walitti dhufeenya amma jiru cimsuu qofa osoo hin taane tumsa waloo hundagaleessa gara fuulduraa mul’isu taasiisuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Mariin kun Hariiroo biyyoota lamaanii murteessaa ta’e kana tumsa Diinagdee fi Dippiloomaasii caalmaatti cimsuuf carraa kan uume ta’uu eerameera.

Hoggantoonni lamaan hariiroo seenaa qabeessaa fi tumsa diinagdee biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.