Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 1 mallatteessan

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa hidhattoota duraanii deebisanii dhaabuuf waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 1 mallatteessaniiru.

Waliigaltichas Komishinara Olaanaa Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa fi Komishinara Dhimmootaa Nageenyaa fi Siyaasaa Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Baankolee Adooyyee mallatteessaniiru.

Waliigalteen deeggarsichaas adeemsa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hojiirra oolchuuf kan tumsu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Sirna waliigalticha mallatteessuurratti Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan, Gamtaan Afrikaa Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Waliigalteen har’a gaggeeffames hojiirra oolmaa waliigaltee Piritooriyaaf kutannoo qabu kan akeekuudha jedhan.

Ambaasaaddar Baankolee Adooyyee gama isaaniin, Mootummaan Itiyoophiyaa waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa hojiirra oolchuuf hojiilee gaggeessaa jiru dinqisiifataniiru.

Gamtaan Afrikaa Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf mootummaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Koomiishinarri Koomiishinii Haaromsa biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan gama isaaniin Gamtichi waliigalteen Piritooriyaa akka hojiirraa ooluuf tattaaffii taasisa jiru dinqisiifatanii, komishinichi deeggarsichi kanneen barbaachisuuf sirnaan akka qaqqabsiisu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.