Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Fiinlaandi waliigaltee Yuuroo miiliyoona 9.5 mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Fiinlaandi Pirojektii Bulchiinsa Lafaa boqonnaa 3ffaaf (REILA-III) kan oolu waliigaltee Yuuroo miiliyoona 9.5 mallatteessaniiru.

Waliigaltichas Ministir deetaa ministeeraa maallaqaa Samaariittaa Sawaasawuu fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddar Fiinlaandi Sinika Antillaa mallatteessaniiru.

Waliigaltichi jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachun qonnaan bultoota qabiyyee gadaanaa fayyadamtoota kan taasisu, raawwii pirojektii bulchiinsa lafaa boqonnaa 3ffaaf kan oolu ta’uun ibsameera.

Pirojektiin bulchiinsa lafaa boqonnaa 3ffaan deeggarsaa maallaqaa Mootummaa Fiinlaandiin kan hojiirraa oolu yoo ta’u Itiyoophiyaatti bulchiisaa lafa baadiyyaa fi sirna odeeffanno kan cimsuu fi waarawaa taasisuudha jedhameera.

Fiinlaadi bara 2011 irraa eegalee pirojekticha boqonnaa 1ffaa fi 2ffaaf tumsa maallaqaa Yuuroo miiliyoona 21 taasisuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame n mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.