Itiyoophiyaa fi Faransaay waliigaltee deeggarsa Yuuroo Miiliyoona 28.5 mallatteessan
Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Ejensiin Misoomaa Faransaay waliigaltee deeggarsa Yuuroo Miiliyoona 28.5 mallatteessaniiru.
Deeggarsi maallaqaa kun fooyyessa Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaaf tumsuuf oola jedhame.
Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyii fi Itiyoophiyaatti daayrekterri Ejensii Misoomaa Faransaay Liwuus Antooniyoon Soosheen waliigalticha mallatteessaniiru.
Yuuroo miiliyoonni 25 deeggarsa baajataa fi miiliyoonni 3.5 ammoo deeggarsa teeknikaaf kan ooludha jedhame.
Deeggarichi yeroo murteessatti kennamuu fi ejensichi deeggarsa itti fufiinsaan Itiyoophiyaaf gochaa jiru Dooktar Iyyoob galateeffataniiru.
Deeggarsi taasifame hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsuudha jedhan.
Ejensichi deeggarsa Itiyoophiyaaf kennu cimsee kan itti fufu ta’uu Itiyoophiyaatti Daayrektarri Ejensii Misoomaa Faransaay Liwuus Antooniyoon mirkaneessuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia