Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Emereetoonni Arabaa Gamtoomaanii tumsa isaanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministira fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin Ministira Dhimma Alaa Emereetota Arabaa Gamtoomanii Sheek Abdullaahii Biin Zaayid Al Naahiyaan waliin mari’ataniiru.

Yaa’ii Waliigala 78ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhimmoota waloo fi naannawaa irratti kan mari’atan yoo ta’u, tumsa biyyoota lameen giddu caalmaan cimsuuf waliigalaniiru.

Sheek Abduulaahii Biin Zaayid Al Naahiyan yaa’ii Jijiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii xumuraa bara Faranjootatti gaggeeffamuurratti gahee Itiyoophiyaa ilaalchisuun ibsa taasisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa irra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.