Itiyoophiyaa fi Biritaaniyaan hariiroo walta’iinsaa paarlaamaa cimsuuf kutannoo qabaachuu ibsan
Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Biritaaniyaan hariiroo walta’iinsaa paarlaamaa isaanii gidduu cimsuuf kutannoo qabaachuu ibsan.
Biritaaniyaa fi Ayerlaandi Kaabaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Biruuk Mokonnin Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Liinsaay Hooylee waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin Ambaasaaddar Biruuk Itiyoophiyaatti riifoormiiwwan diinagdee hojiirra oolaa jiran ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Hariiroo obbolummaa seena qabeessaa baroota dheera biyyoota lameen gidduu eeruun, hariiroon ummataa fi ummataa akka cimuu fi walta’iinsa paarlaamaa biyyoota lameen gidduu cimsuuf biyyoonni lameen kutannoo qaban ibsuu ragaan Landanitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia