Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Baankiin Arabaa Misooma Diinagdeef Afrikaaf waliigaltee deeggarsa Doolaara miiliyoona 49 olii mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Baankiin Arabaa Misooma Diinagdeef Afrikaaf waliigaltee deeggarsa Doolaara miiliyoona 49.5 mallatteessaniiru.

Deeggarsichi Paarkiiwwan Qonna Qindaa’aa fi carraa hojii uumuu dargaggootaa babal’isuuf kan oolu ta’uu ibsameeta.

Yeroo ammaa Baankii misooma Afrikaa fi mootummaa Itiyoophiyaan deeggaramaa kan jiru, piroojektii Paarkiwwan Qonna Qindaa’aa 4 irratti kan xiyyeeffatu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Deeggarsichi Piroojektii misooma Gidaaboo ijaaruuf, oomishtummaa qonnaa guddisuu fi guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf dhiyeessa bishaaniif murteessaa ta’uu himameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.