Itiyoophiyaa fi Awustiraaliyaan walta’iinsa isaanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Finfinnee, Sadaasa 2, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Awustiraaliyaan tumsa gamlamee fi waltajjiiwwan damee hedduu irratti walta’iinsa qaban daran cimsuuf akka hojjetan ibsan.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddar Awustiraaliyaa Juuliyaa Niibleet waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin hariiroo gamlamee isaanii cimsuu fi walta’iinsa daldalaa fi invastimantii babal’isuu akka qaban kan ibsan, Ambaasaaddar Misgaanuun, kanaafis Itiyoophiyaan kutannoo kan qabdu ta’uu mirkaneessaniiru.
Fayyadamummaa waloo biyyoota lameenii giddugaleeffachuun dameewwan diinagdee fi Aviyeeshinii dabalatee kanneen biroorratti hojjechuu akka qaban kaasan.
Juuliyaa Niibleet gama isaaniin, biyyoonni lameen dameewwan qonnaa, deeggarsa namoomaa, barnootaa fi walqixxummaa Koorniyaa irratti milkaa’inaalee galmeessan dinqisiifataniiru.
#Oromia #Ethiopia