Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Ameerikaan tumsa damee nageenyaan qaban kan cimsan ta’uu ibsan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Ameerikaan shororkeessummaa qolachuuf tumsaan hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsan.

Ambaasaaddar Misgaanuun, Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Itti Aanaa Gargaaraa Ministiraa Afrikaa Bahaa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa Viisanti Dii Ispeeraa waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan tumsa nageenyaa tarsiimowaa qabaachuu Ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.

Hariiroon damee Diinagdee biyyoota lamaanii caalmaatti cimuu akka qabu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaa fi Ameerikaan Shororkeessummaa waloon qolachuuf biyyoota tumsa cimaa qaban ta’uu kaasaniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun haala waqtaawaa Somaaliyaa fi Sudaan ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Viisanti Dii Ispeeraan gama isaaniin, Itiyoophiyaa fi Ameerikaan biyyoota hariiroo seenaa qabeessa ta’e qaban ta’uu eeruun, tumsa gama nageenyaan qaban caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.