Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan damee inarjiin tumsaan hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Ministirri Bishaanii fi Inarjii Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Ministira Inarjii, Albuudaa fi Humna Haaromfamaa Aljeeriyaa Mahaammad Arkaab waliin mari’ataniiru.
Maree isaanii kanaan Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan dhimmoota naannawaa, ardii fi idil-addunyaa irratti tumsaan hojjechaa jiraachuu Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Baha Afrikaatti walitti hidhamiinsi humnaa akka uumamuuf ga’ee olaanaa ba’aa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaanis dhaabbileen Aljeeriyaa inarjii irratti hojjetan inveestimeentii damee misooma humnaa Itiyoophiyaa keessatti carraan itti bobba’an jiraachuus hubachiisan.
Caalbaasiiwwan idil-addunyaa damee inarjii Itiyoophiyaan baastu irratti dhabbileen biyyattii akka hirmaatanis dhaamaniiru.
Mahaammad Arkaab, gama isaaniin, dureeyyiin Aljeeriyaa oomishaa fi tamsaasa humnaa irratti bobba’anii fi galteewwan tamsaasa humnaaf fayyadan oomishan Itiyoophiyaa keessatti hojjechuu akka barbaadan mirkaneessaniiru.
Carraan ogeeyyiin damee humnaa Itiyoophiyaas Aljeeriyaatti dandeettii isaanii guddifatan ni miijeffama jechuu isaaniis odeeffannoon Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.