Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa dhalootaaf dabarsuuf Wareegamni dhiigaa kaffalameera – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC) – Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa 117ffaan mata duree “Raayyaa qormaatileen ijaaramaa dhufe” jedhuun sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Itiyoophiyaa dhalootaaf dabarsuuf Wareegamni dhiigaa kaffalamuu Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan saganticharratti argamuun haasawa taasisaaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Raayyaa Ittisaa Cimaa ijaaruun biyya adda duree ta’uu kaasaniiru.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa diina keessaa fi alaa qolachuun nageenya biyyattii mirkaneessaa jiraachuu dubbataniiru.

Raayyaan Ittisaa shira diinaa fashaleessuun Itiyoophiyaa dhalootaaf dabarsuuf wareegama dhiigaa kaffalaa jiraachuu himaniiru.

Raayyaan Ittisaa yeroo ammaa humna namaa ga’umsa qabuu fi Teeknooloojii ammayyaan guutumuu eeraniiru.

Raayyaan Ittisaa bu’ura Tokkummaa biyyaa ta’uu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasilleessan dubbataniiru.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa yeroo kamiiyuu caalaa qophummaa guutuurra jiraachuu ibsaniiru.

Alamsaggid Asaayyee fi Salamoon Yittaayetu gabaase.

Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.