Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa Addunyaatti beeksisuuf lammiin hunduu Ambaasaaddara biyya isaa akka ta’u waamichi dhiyaate

Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FBC)-Itiyoophiyaa Addunyaatti beeksisuuf lammiin hunduu Ambaasaaddara biyya isaa akka ta’u Ministeerri Dhimma Alaa waamicha dhiyeesse.

Ministeerichatti Daayrektarri Jeneraalaa Paabilik Dippiloomaasii Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoo akka jedhanitti Itiyoophiyaatti jijjiramaan booda bu’aalee misoomaa galmaa’een waltajjii dippilomaasii addunyaa irratti maqaan gaarii Itiyoophiyaa ijaaramuu himan.

Lammiin hundi guddinaa fi duudhaalee gaarii Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuun biyya isaaf ambaasaaddara ta’uu qabas jedhaniiru.

Itiyoophiyaan durii kaasee bilisummaa Afriikaa fi ummatoota gurraachaaf fakkeenyaa fi mallattoo ta’uun seenaa dippilomaasii addunyaa keessatti biyya maqaa gaarii qabdu ta’uu yaadachiisaniiru.

Dhaabbilee ardii fi idil addunyaa hundeessuu keessattis biyya ashaaraa seena qabeessa qabduu fi teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uu ibsaniiru.

Magaalaan Finfinnee Niiwyoorkii fi Biraaselsitti aanuun magaalaa wiirtuu dippilomaasii 3ffaa ta’uu himanii, jijjiiramaa as immoo hariiroo alaan daran dabaluu beeksisaniiru.

Itiyoophiyaan misooma diinagdee fi hojiiwwan dippiloomaasii Afrikaaf fakkeenya ta’an hojjecha jiraachuus himaniiru.

Dhiibbaan Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti qabdu dabalaa dhufuu kaasanii, gareewwan addunyaa haaraattis makamaa jirti jedhan.

Miseensa BRICS ta’uun Itiyoophiyaa gama tumsa gamlamee biyyoota fi qaamota hedduu hirmaachiseen fayyadamtuu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan diinagdee cimaa ijaarteen waraana humna cimaa qabu uumuun, hojii dippilomaasii isheef gumaacha olaanaa taasisaa jiras jedhan.

Jijjiiramni kun erga dhufee as hooggansa Ministira Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimadiin insheetivoota misoomaa hojjetamaniin bu’aan olaanaa galmaa’aa jirachuu eeraniiru.

Itiyoophiyaan biyya waan baay’ee hojjettu garuu baay’ee ragaa hnba’amneef ta’uu eeranii, lammiin kamuu guddina Itiyoophiyaa fi duudhaalee gaarii ishee addunyaatti beeksisuuf ambaasaaddara biyya isaa ta’uu akka qabu hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.