Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo telekoom kara Telebirriin viisaa kaardii fayyadamuuf tajaajila dandeessisu eegalchiise

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC)- Itiyoo Teelekoom karaa Telebirriin tajaajila Viisaa Kaardii fayyadamuuf dandeessisu eegalchiise.

Appilikeeshinii “Visa Direct fi “Telebirr Remits” buusuun tajaajilicha argachuun akka danda’amu ibsameera.

Maammiltoonni biyya alaa jiraatan “Visa Direct” fayyadamuun maammiltootaa Itiyoophiyaa jiraataniif karaa Telebirr erguu akka danda’an eerameera.

Lammiileen biyyoota 190 jiraatan tajaajilicha fayyadamuun salphaatti Birrii erguu fi fudhachuu danda’u jedhameera.

Tajaajilcha Itiyotelekom, Viisaa Kaardii fi Baankii Abisiniyaa waliin ta’uun kan eegalchiifameedha jedhameera.

Hoji Raawwachiistuun Itiyoo Telekoom Firehiiwot Taammiruun akka jedhanitti, tajaajilchi lammiileen bilbila moobaayilaa fayyadamuun maallaqa erguu fi fudhachuu kan danda’aniidha.

Kunis hamma maallaqa gara biyyaatti ergamu kan guddisu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.