Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo Teelekoom dargaggoota hojii uumtootaaf suuqiiwwan socho’aan kenne

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC)- Itiyoo Teelekoom Guyyaa Gaarummaa sababeeffachuun dargaggoota hojii uumtootaaf 99’f suuqqiiwwan socho’an 30 dabarseera.

Hojii Raawwachistuun Olaantuun Itiyoo Teelekoom Firehiiwot Taammiruu fi hoggaantoonni olaanoo dhaabbatichaa bakka argamanitti Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Qirqoositti suuqqiiwwaan kanneen dargaggootaf dabarsaniiru.

Suuqqiiwwan kanneen baasii Birrii miiliyooan 8.6’n kan ijaaraman ta’uun ibsameera.

Dabalataanis, dhaabbiilee tola ooltota biyyaattii bakkeewwaan garaagaraatti argaman 26 keessatti manguddoota kuma 7’f maaddii qooduu TOI gabaaseera.

Akkasumas barattoota kuma 70’f barruullee kuma 840 deeggaruuf ta’uu ibseera.

Qaammeen 3, Guyyaan Gaarummaa guutuu biyyaatti mata dure “Gaarummaan Biyyaaf” jedhuun kabajamaa jira.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.