Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo Teeleekoomi fiTajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 2, 2017 (FBC)-Itiyoo Teeleekoomi fiTajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa waloon hojjechuuf walii galuun ibsame.

Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Salaamaawiit Daawwit fi Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruun ,dhimmoota dhaabbiilee isaanii keessatti walta’iinsaan hojjechuu dandeessisaniratti mari’ataniiru.

Kenniinsa tajaajila ammayyeessuu, tajaajila tutuqarra bilisaa kennuuf, sirna hojmaataa keessoo fi tajaajila si’ataa maammiltootaaf kennuuf ItiyooTeeleekoom waliin walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerraa ga’uu Aadde Salaamaawit dubbataniiru.

Hojii Rawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiiruun gamasaaniin, Dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf ItiyooTeeleekoom eergama itti kenname sirnaan bahachaa jiraachuu himuu ragaanTajaajilicharra argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.