Itiyoo – Teeleekoom tajaajila 5G magaalaa Bishooftuutti eegalchiise
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2017 (FBC) – Itiyoo – Teeleekoom tajaajila Neetworkii Moobaayilaa dhaloota 5ffaa (5G) magaalaa Bishooftuutti eegalchiiseera.
Hojii Raawwachiiftuu Olaantuu Itiyoo – Teelekoom Fireehiyiwaat Taammiruu, Kantibaa magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa sagantaa eegalchiisa tajaajilichaarrati argamaniiru.
Diijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu Fireehiyiwaat Taammiruun eeraniiru.
Magaalaa Bishooftuutti tajaajilli Neetworkii Moobaayilaa dhaloota 5ffaa eegaluun caalmaatti bakka ga’umsa Tuurizimii akka taatuuf gahee olaanaa qabaachuu himaniiru.
Feevan Bishawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia