Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo Teeleekoom lakkoofsa ergaa gabaabaa lammiilee Godina Goofaatti miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa walitti qabuuf gargaaruu ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 17, 2016 (FBC) – Itiyoo Teeleekoom lakkoofsa ergaa gabaabaa lammiilee Godina Goofaatti balaa sigiga lafaan miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa walitti qabuuf gargaaruu ifoomseera.

Lammiileen lakkoofsa gabaabaa’8091′ irratti hanga maallaqa barbaadan erguun lammiilee miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa taasisuu kan danda’an ta’uu dhaabbatichi ibseera.

Itiyoo Teeleekoom Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaatti balaa sigiga lafaa mudateen miidhaa qaqqabeen gaddi cimaan itti dhaga’amuus ibseera.

Itiyoo Teeleekoom Maatii fi firoottan miidhamtootaaf jajjabina hawweera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.