Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo – Teelee Koom bara baajataa kana maamiltoota isaa miiliyoona 83tti ol guddisuu hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC) – Itiyoo – Teelee Koom bara baajataa 2017 maamiltoota isaa miiliyoona 83tti ol guddisuu hojjechaa jiraachuu ibseera.

Birrii biiliyoona 163.7 walitti qabuuf karoorfachuusi himeera.

Maamiltoota Teelee Birrii miiliyoona 55n qaqqabsiisuuf kan hojjetu ta’uu eereera.

Bara kana Gandoonni kumni 1 ol tajaajila Teelee Koomii akka argatan taasiisuuf ni hojjenna jedhan Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun dhaabbatichaa Fireehiyiwaat Taammiruun.

Diijitaala Itiyoophiyaa fi Diinagdee Diijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti amansiisaa fi dorgomaa taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.