Fana: At a Speed of Life!

Israa’el deeggarsa meeshaa waraanaa Yuukreeniif kan hin taasisne ta’uu beeksifte

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Israa’el deeggarsa meeshaa waraanaa Yuukreeniif kan hin taasisne ta’uu beeksisuu gabaafame.

Ministirri Ministeera Haqaa Israa’el Geediyoon Saa’ar ,deeggarsi biyyattiin Yuukreeniif taasistu deeggarsa meeshaa waraanaa kan hin dabalanne ta’uu eeruun, ejjennoon ishee kun kan hin jijjiiramne ta’uu ibsaniiru.

Kanaan dura Ministirri Ministeera Dhimma Diyaaspooraa Israa’el Naachmaan Shaay , yeroon Israa’el Yuukreeniif deeggarsa meeshaa waraanaa taasistu amma jechuun dubbachuun isaanii ni yadatama.

Haasawaan Naachmaan kun ,Raashiyaa dheekkamsisee ture.

Pireezidaantiin Raashiyaa duraani Dimeetrik Medveediiv ,Israa’el deeggarsa meeshaa waraanaa Yuukreeniif ni dhiyeessiti taanaan hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii laafuu akka danda’u hubachiisanii turuun kan yaadatamudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.