Fana: At a Speed of Life!

Israa’eel qabeenya uumamaa Ityoophiyaa misoomsuuf qooda ishee kan baatu ta’uu ibsite

Finfinnee, Mudde 1, 2014(FBC)- Israa’eel muuxannoo teekinooloojii gama Bishaanii, Jallisii fi qonnaan qabduun qabeenya uumamaa Ityoophiyaa misoomsuun guddina Ityoophiyaaf qooda ishee kan ba’attu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’eel Allalliny Admaasuu ibsan.

Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad Ityoophiyaatti Ambaasaddara Israa’eel Allalliny Admaasuu waliin mari’ataniiru.

Marichaan dhimmoota teeknooloojii jallisii, misooma humna namaa fi invastimantiirratti mari’ataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Israa’eel gara Ityoophiyaa dhufuun damee misooma jallisiirratti kan hirmaatan yoo ta’e haala kan mijeessan ta’uu Injinar Ayishaan ibsaniiru.

Dabalataan misooma humna namaa fi teekinooloojii jallisiirratti Israa’eel deeggarsa akka taasistu ni barbaanna jedhaniiru.

Ambaasaddar Allalliny gamasaaniin, Ityoophiyaa fi Israa’eel hariiroo seenaa fi aadaa yeroo dheeraa kan qaban ta’uu yaadachiisaniiru.

Teeknooloojiiwwan bishaanii, jallisii fi qonnaa gara Ityoophiyaatti fiduunii fi muuxannoo qooduun misooma damechaaf qooda isaanii kan ba’atan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjiirraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.