Fana: At a Speed of Life!

Israa’eel iddoolee qabiyyee Waraanaa Iraan humna qilleensaan haleelte

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) – Israa’eel iddoolee qabiyyee Waraanaa Iraan filatamoo ta’aan humna qilleensaan haleeluu beeksifte.
Iraanii fi deeggartoonni ishee haleellaa irra deddeebiin Israa’eelirratti raawwataniif duub deebii ta’uu Humni Waraanaa Israa’eel ibseera.
Halkan walakkaa eegalee Lixaa fi Kibba Lixaa magaalaa Teeraanitti haleellaa dhaabbilee waraanarratti qiyyeeffate raawwachuu himeera.
Iraan gama isheen dhukaasawwan Israa’eel gariin qolachuu ibsuun, buufatawwan waraanaashee bakka sadii jiran miidhamuu ibsiteerti.
Xiyyaaronni Israa’eel haleellaa milkaa’aa rawwwachuun nagaan deebi’uu Raayyaan Ittisaa Israa’eel himuu BBCn gabaaseera.
Haleellan kun Israa’el gatii guddaa kan kaffalchiisu ta’uu Iraan akeekkachiifterti.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.