Fana: At a Speed of Life!

Israa’eel hogganaa Olaanaa Hizboolaa ajjeesuu beeksiifte

Finfinnee, Fulbaana 19, 2017 (FBC) – Israa’eel haleellaa qilleensaa Libaanoos keessatti raawwatteen hogganaa Olaanaa Hizboolaa ajjeesuu beeksiifte.
Hidhattoota Hizboolaa Libaanoos daheeffatanii jiranirratti tarkaanfii hunda galeessaa fudhachuun cimee itti fufuu Raayyaan Ittisaa Israa’eel beeksiiseera.
Guyyaa har’aas Beerut keessatti bakkeewwan Hizboolaa filatamanitti haleellaa qilleensaa milkaa’aa raawwachuu ibseera.
Haleellaa kanaan Hogganaa Nageenyaa fi miseensa murteessaa Mana Maree Giddugaleessaa Hizboolaa Nabiil Kuwaa’uk ajjeessuu BBCn gabaaseera.
Ajjeechaa kana ilaalchisee Hizboolaan hanga ammaatti waan jedhe hin qabu.
Israa’eel haleellaa raawwachaa jirtuun Jimaata darbe Hogganaa garichaa Hasan Nasiraallaahiin ajjeessuun kan yaadatamuudha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.