Fana: At a Speed of Life!

Israa’eel, Gaazaatti dhorkiin dhaabbilee deeggarsaarra keesse yaaddessaadha-DhMG

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2017 (FBC)- Israa’eel, Gaazaatti dhorkiin dhaabbilee deeggarsaarra keesse haalaa naannawichaa akka hammeessu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Itti Gaafatamaan Nagaa Kabachiisaa Dhaabbatichaa Jiyaan Piif Laakiroos akka jedhanitti, dhaabbileen deeggarsaa, deeggarsa namoomaa jiraattota Gaazaaf dhiyeessan dhorkiin irraa kaa’amuun haalicha hammeesseera.

Naannawichaatti sochiin deeggarsa namoomaa hedduu barbaachisa ta’uu eeranii, dhorkiin dhaabbilee kanneenii jiraattonni Gaazaa haala hammaataa keessa akka turan kan taasisuudha jedhameera.

Israa’eel dhorkicha paarlaamaan raggaasisuuf tattaafiin taasistu hojiirra akka hinoole dhiibbaa uumuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Bara Faranjootaa Onkololeessa 7, 2023 kan eegalee waraana Israa’elii fi Hamaas gidduun, hanga ammaatti lubbuun lammiilee kuma 43 darbuun ibsameera.

Kaleessaa qofa Israa’eel haleellaa Gaazaa gama Kaabaatti raawwatteen lubbuun namoota 93 darbuu Sky News gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.