Fana: At a Speed of Life!

Israa’eel Antooniyoo Guutareez gara daangaa bulchiinsa ishee akka hin seenne qoqqoobbii irra keesse

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) – Israa’eel Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez gara daangaa bulchiinsa ishee akka hin seenne qoqqoobbii irra kaa’uu beeksifte.

Dhaabbatichi haleellaa Misaa’eelaa Iraan, Israa’elirratti raawwatte balaalleffachuu dhabuu hordofee Israa’eel murtoo kana fudhachuu BBCn gabaaseera.

Haleellaa Misaa’eelaa Iraan raawwatte Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waan hin balaalleffanneef Israa’eel qoqqoobbii irra kaa’uu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Israa’eel Kaatiiz ibsaniiru.

Antooniyoo Guutareez muddamni Libaanoos keessatti mudate osoo hin babal’atin waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasiifamu hubachiisuun isaanii ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.