Fana: At a Speed of Life!

Ispoortessaa filatamaa jaarraa 21ffaa Afrikaa jedhamuutti kabaja olaanaatu natti dhaga’ama-Atileet Qananiisaa Baqqalaa

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)- Ispoortessaa filatamaa jaarraa 21ffaa Afrikaa jedhamuutti kabajaa olaanatu natti dhaga’ama jechuun Atileet Qananiisaa Baqqalaan ibse.

Atileet Qananiisaa Baqqalaan Sadarkaa ESPN baaseen Ispoortessitoota cimoo Afrikaa jaarraa 21ffaa 10 keessaa adda duree ta’eera.

Haaluma kanaan Atileet Qananiisaan, gama miidiyaa hawaasummaa isaan, ispoortessaa filatamaa jaarraa 21ffaa jedhamuutti kabajaa olaanaan akka itti dhaga’amu eereera.

Imala Atileetiksii isaa keessattis kanneen tumsaniin galateeffateera.

“Amantaa narraa qabdanii fi sadarkaa guddina olaanaarra akkan ga’uuf kanneen haamilee naaf taatan dinqisiifattoota, hiriyoota, maatii fi deeggartoota koo nan galateeffadha” jedheera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.