Fana: At a Speed of Life!

Isiraa’eel Westi Baankii Magaalaa Jeniin haleelte

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC) – Isiraa’eel Buufata Baqattootaa Filisxeem Westi Baankii Magaalaa Jeniinitti argamu humna qilleensaan haleeluu beeksiifte.

Biyyattiin magaalaa Jeniin Westi Baankitti argamurratti duula waraanaa olaanaa eegaluu ishee dhaga’ameera.

Haleellaa diroonii Isiraa’eel raawwatte kanaan namoonni 3 ajjeefamuu fi 20 madaa’uu Ministeerri Fayyaa Filisxeem beeksiseera.

Buufata baqattootaa Jeniin keessatti haleellaa shororkeessitoorratti xiyyeeffate raawwachuu Raayyaan Ittisaa Isiraa’eel ibseera.

Shororkeessitoonni buufata kana mandheeffachuun namoota nagaarratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu waraanni Isiraa’eel himeera.

Baatii darbe haleellaa buufata kanarratti raawwatameen lammiileen Isiraa’eel 6 ajjeeffamuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.