Fana: At a Speed of Life!

Irreechi waltajjii tokkummaafi obbolummaa, dirree faayaa fi faayama addunyaa ittiin raajeeffame ta’uun karaa nagaa xummurame-Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Fulbaana 22, 2015(FBC)- Irreechi waltajjii tokkummaafi obbolummaa, dirree faayaa fi faayama addunyaa ittiin raajeeffame ta’uun karaa nagaan xummurame jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Ayyaanni Irreechaa akkaataa Diinni akeekeen ta’uun hafee karaa duudhaa fi safuu ummata Oromoo eegeen nagaan xummuramuu isaatiif qaamoleen gahee kessan baatan hundi galata guddaa qabdu jedhan.

Obbo Fiqaaduun Kabajni Ayyaana Irreechaa karaa nagaan xumuramuu ilaalchisuun ibsa laataniiru.Guutuun ibsa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Irreechi akka diinni akeeke ta’uun hafee akkataa duudhaafii safuu ummataa eegeen guyyaa galataa Oromoon Waaqa isaa madaala uumamaa eegee nagaan baraa baratti isa ceesise itti galateeffate , waltajjii tokkummaafi obbolummaa, dirree faayaa fi faayama addunyaa ittiin raajeeffame ta’uun karaa nagaa xummuramee jira.

Irreechi eenyummaa waloo Itoophiyaanotaa, duudhaa fi faaya tokkummaan sabdaneessummaa ittiin cimu, eenyummaan tokkoon tokkoo keenyaa bareedina waloo keenyaa ta’uu kan mirkaneesse ayyaana obolummaan daran itti dagaagu ta’uun isaa qabatamaatti mirkanaa’ee jira.

Bu’uura kanaan bakka Oromoo duwwaan itti walgahu ta’uun hafee dirree sabaafi sablammoonni biyya keenyaa faayamanii miira obolummaatiin itti walbira dhaabata ta’uu danda’eera.

Haala kanaan Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Harsadee duraa duubaan akkaataa duudhaa isaa ganamaa eeggateen miidhagee kan kabajame yoo ta’u Irreechi dirree araaraa, waltajjii jaalalaaf obbolummaa, faajjii nageenyaaf tokkummaa ta’uu isaas bifa mirkaneesseen faaya addaa goonfatee karaa nagummaan isaa eegameen kabajamuu danda’eera. Calaqqee sirna Gadaa fi agarsiiftuu hammattummaa kan ta’e ayyaanni Irreechaa kun rakkoo tokko malee nagaan kabajamee akka xumuramuuf gumaachi qaamolee garaa garaa daran ol’aanaa ture.

Jiraattonni Magaalaa Finfinnee fi Bishooftuu qooda fudhattoota ayyaanichaa kallattiiwwan addaa addaatiin gara keessanitti dhufan gammachuun simachuun nyaachiftaniifi obaaftanii obbolummaa dhugaa agarsiiftaniittu.

Abbootiin Gadaa, Haadholiin Sinqee, Qeerroo fi Qarreen Oromoo, Jaarmiyaaleen dargaggootaa, hoggantoonni keenya sadarkaan jirtan, Sabaafi Sablammoonni biyya keessaa fi aalaa eenyummaa waloo qabna jettanii miira obolummaa adda ta’een nu waliin dhaabatanii ayyaaneeffatan, waliigala ummanni Oromoo eenyummaa fi duudhaa keessaniirratti cichitanii akeeka diinaa fashaleessitan, qindoominaa, tokkummaa fi miira obolummaa nama boonsuun milkaa’ina Irreechaatiif tumsa cimaa taasiftaniittu waan ta’eef galanni isiniif qabnu jechaa oli.

Nagummaa uummata keessaniitiif kan dhaabbattan, Irreechi Hora Finfinneefi Hora Arsadee hirmaattotaaf mijaahina qabaatee jalqabaa hanga xumuraatti akka raawwatuuf halkaniif guyyaa dhaabbattanii kabaja lammiileef qabdan ifatti kan agarsiiftan, abjuu diinota keenyaas kanneen fashaleessitan miseensoonni Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa,Poolisiin Federaalaa, Poolisiin Oromiyaa, Poolisiin Finfinnee akkasumas caasaaleen nageenyaa sadarkaan jirtan galatni isiniif malu ol’aanaadha.

Duudhaawwan ayyaana irreechaa argaa dhageettiidhaan dhugoomsitanii, miidhaginaaf taatewwan sirnichaatis gurmeessitanii addunyaaf kan agarsiiftan miidiyaaleen garaa garaatis dirqama dachaa bahattaniif galatoomaa jechuun barbaada.

Walumaa galatti qaamoleen nagummaafi milkaa’ina ayyaana Irreechaa bara kanaatiif gumaacha gootan uummanni naannoo keenyaa fi biyya keenyaa hundi tokkummaafi qindoomina ayyaana kana irratti mul’iftan hojiilee misoomaa fi nageenyaa fuula keenya duratti nu eeggatan irrattis ciminaan itti fufsiisuudhaan injifannoo irratti ijifannoo akka galmeessitan dhaamsa koon dabarsa.

Fiqaaduu Tasammaa

Itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.