Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Uummata Oromoo biratti carraa gaarii fi abdii egeereetin kabajama – Preezdaant Shimallis Abdiisaan

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Irreechii Uummata Oromoo biratti carraa gaarii fi abdii egeereetin kabajama jedhaniiru.

Ummaanni Oromoo aadaa haammattummaasaa kan itti agarsiisuu moggaasaa fi guddifachaa kanneen biroo durii kaasee hanga ammaatti tursiisuu kan ibsan obbo Shimallis obbolootaa biroo waliin ta’uuniis  biyya ijaaraniiru jedhan.

Sirnoota gadaa ijaarsa biyyaarratti shoora olaanaa qaban duudhaalee turan dhaloota haaraaf beeksisuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Oromiyaa misoomsuun Ityoophiyaa misoomsuudha, kanaafis hojiin hunda galeessaa hojjetamuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ityoophiyaanoota xuquun Oromoo xuqudha kan jedhan obbo Shimallis, qormaatilee nu mudatan ce’uuf ni hojjenna jedhaniiru.

Afawarq Iyaayyutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.