Irreechi Hora Harsadee karaa nagaan xumurameera-Komishinii Poolisii Oromiyaa
Finfinnee, Fulbaana 22, 2015(FBC)- Irreechi Hora Harsadee karaa nagaan xumuramuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibse.
Ayyaanni Irreechaa calaqqee Uummata Oromoo ta’uu ibsuun, Ayyaanni Hora Harsadee guyyaa har’aa magaalaa Bishooftuutti kabajame karaa nagaan xumuramuu ibseera.
Ayyaanichi walta’iinsa qaamolee nageenyaa fi uummata magaalichaan rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan xumuramuu komishinichi gama miidiyaa hawaasummaasaan beeksiseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.