Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Hora Finfinnee duudhaa isaa eegee bifa hawwataa ta’een xumurame – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 25, 2017 (FBC) – Irreechi Hora Finfinnee duudhaa isaa eegee bifa hawwataa ta’een kabajamee xumuramuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Ayyaanichi gufuu tokko malee karaa nagaan akka xumuramu qooda abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi jiraattoonni magaalichaa bahatan galateeffataniiru.

Akkasumas dhaabbileen tajaajilaa karra arfaniinuu keessummoota simachuun ulfina ayyaanichaaf kennan dinqisiifataniiru.

Dhaabbileen nageenyaa bulchiinsa magaalichaa, Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa Ayyaanni Hora Finfinnee sodaa malee nagaan akka xumuramu gumaacha taasiisan galateeffataniiru.

Finfinneen sadarkaa Iidil Addunyaafi biyyaalessaatti keessummoota ishee jaalalaa fi tajaajila gaariidhaan simachuu yeroorraa gara yerootti fooyyeffataa dhuftee jirti.

Isinis hirmaattonni Irreecha Hora Finfinnee tajaajila argattanitti gammachuu olaanaa qabaachuu keessan garaa guutuudhaan nuuf ibsitanii jirtu. Nutis yaada keessaniif guddaa isin galateeffanna.

Irreechi “Hora Finfinnee” kan jiraatonni magaalaa qofti hirmaatan osoo hintaane ummanni miiliyoonotan lakka‘aman magaalichaa, naannoo oromiyaa fi naannolee adda adda irraa akkasumas biyyoota alaa irra kan itti hirmaatan waan ta’eef humna hoteloota ol kan ta’eedha.

faayidaa ayyaanonni akkanaa qaban hubachuun karaa obbollumaa ,maqaa gaarii magaalaa keenyaa madaaluun waan nurraa eeggamu baanee jirra; fuulduraafis magaalaan keenya haaluma kanaan qulqullina ishii eeggattee, tajaajila ammayya’aa kennuu irratti cimsinee hojjechaa jirra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.