Fana: At a Speed of Life!

Irreechi hariiroo ummattootaa cimsuu fi tuurizimii biyya keessaa babal’isuuf qooda qabaachuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) – Ayyaanni Irreechaa hariiroo ummattootaa cimsuu fi tuurizimii biyya keessaa babal’isuuf qooda qabaachuu Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibse.

Kabaja irreechaa Hora Finfinnee kan bara 2017 ilaalchisee Biiroon Aadaa,Aartii fi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee ibsa kenneera.

Ayyaanni Irreechaa hariiroo ummattootaa cimsuu fi tuurizimii biyya keessaa babal’isuuf qooda qabaachuu Hoggantuun Biiroo Aadaa,Aartii fi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Dooktar Hiruut Kaasawu ibsaniiru.
Ayyaanota miira ho’aadhaan addababayiitti kabajaman keessaa Irreechi isa tokko ta’uus ibsaniiru.

Irreechi baatii Fulbaanaa kan kabajamu, bacaqii gannaa irraa gara ifa Birraatti baga nagaan nuceesifte jechuun uumaan kan ittiin galateeffatamu ta’uus eeraniiru.

Ayyaanni Irreechaa Magaalaa Finfinneetti kabajamu bakka ummanni hedduu argamanitti yoo ta’u, kunis hariiroo sabaa fi sablammootaa cimsuudhaan aadaa isaanii waloon akka guddisan ni taasisa jedhaniru.

Ayyaanicha kabajuuf qophiileen barbachisan xumuramuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Magaalichaarrraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.