Fana: At a Speed of Life!

Irreechi haammataadha- Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa

Finfinnee, Fulbaana 22, 2015(FBC)- Irreechi sabaafi sablammii akkasumas amantaa gargar hin qoodu, irreechi haammataadha jedhan  Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa.

Guyyaa kaleessaa sabaafi sabalamoonni Ityoophiyaa  magaalaa Finfinneetti argamuun ayyaanicha kabajuu eeruun, har’as ayyaana Irreechaa Hora Harsadee kabajuuf barii barraaqaarraa eegalee  magaalaa Bishooftuu gara Hora Harsadeetti imalaa jira jedhan.

Akkuma Kaleessa sabaafi sabalammiin hundi magaalaa Finfinneetti argamuun  ayyaanicha haala ho’aa ta’een  kabaje, har’as magaalaa Bishooftuutti haala ho’aa ta’een akka kabaju gaafachuun hundi nageenya ayyaanichaaf tumsuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.